Ibsa haala yeroorratti itti aanaan prezidaantii MNOobbo Shimallis Abdiisaan laatan

Finfinnee, Muddee 12, 2012 (FBC) – Ibsa haala yeroorratti itti aanaan prezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan laatan.

Ibsi guutun kinooti…..

Qe’een Oromoo fi Oromiyaa, dachii fi qilleensa Itoophiyaa nagaa ta’uun bilisummaa, birmadummaa fi Badhaadhinaa hidda gadi fageeffate uumuuf utubaa ta’uu isaa hundi keenya ni hubanna.

Bakka nageenyi hin jirretti faayidaa dhuunfaa fi garee mirkaneeffachuus ta’e, badhaadhina hawwinu dhugoomsuun kan yaadamu miti.

Rakkoon Nageenyaa yeroo dhiyoo asitti uumamaa jiru aadaa fi duudhaa ummata keenyaatiin faallaa dha. Beekumsaa fi barsiifata man-dhalee ijaarsa biyyaa fi ummataa keessatti qooda ol’aanaa gumaachaa ture osoo qabnuu, finxaalessummaa gamaa fi gamanaatiin sakaalamee akka bu’aa hin buusne taasifamaa Jira.

Akkuma hundi keenya yaadannu, boqonnaa jijjiiramaa yeroo ammaa Itoophiyaan keessummeessaa jirtu gaaffii ummataa yeroo dheeraatiif ture deebisuuf ifaajee cimaatu taasifamaa Jira.

Bu’aa kanaatiin har’a biyyattii keessatti mirgi bilisummaan yaadaa fi amantaa fedhaan hordofuu daangaa malee kabajamee Jira.

Dirreen nagaa fi demokraatawaan yaadaan Irratti wal dorgomanis uumameera. Sababa kanaaf, haalli wal dhabdee, wal shakkii fi walitti bu’insa uumuu danda’u kamuu balballisaa kan cufame ta’uu waan qabatamaan jiraachaa jirruu dha.

Kanaafuu, dhugaan kun Kan haalamuu fi ololaan faalamu akka hin taane ummanni ni beeka jedheen amana.

Naannoo keenyattis ta’e akka biyyaatti har’a osoo hin taane boqonnaa dukkanaa kaleessaa keessatti ummattoonni sababa amantaa fi amantiitiin walitti bu’anii hin beekan.

Wal danda’uu fi waliin jiraachuun, ayyaana waliin kabajachuun, yeroo baldhinaa fi rakkinaatti wal bira dhaabbachuun kan baratame qofa osoo hin taane, kallattii afran biyyattiitti Kan jiraatame ta’uu hundi keenya ragaa dha.

Dhugaan waliin Jireenya ummata keenyaa kun har’as ilaalchaa fi gocha humnoota farreen nageenyaatiin hin boora’u.

Ummanni akkuma kaleessaa harka Wal qabatee hojjechuudhaan gochoota badii amantaa fi dhaabbilee amantaa Irratti aggaamaman saaxiluu fi to’achuuf akka hojjetun amana.

Balaan amantootaa fi dhaabbilee amantaa kamirrattuu aggaamamu faallaa heera mootummaa fi duudhaa waliin jireenyaa ummattoota keenyaa waan ta’eef, mootummaanis gocha bakka tokkotti raawwatame balaaleffachuu bira darbee tarkaanfii nageenya ummataa mirkaneessuu fi ol’aantummaa seeraa kabachiisuu akka fudhatu ibsuun fedha.

Xumurarrattis, qaamoleen Hawaasaa martinuu dhaabbilee amantaa naannoo keessanitti argaman eeguudhaan balaa Shira xaxxootaa jalaa akka baraartanii fi nageenya keessan akka mirkaneessitaniif waamicha isiniif dabarsa.

Boqonnaa sirna federaalizimii fi demokraasii dhugaa ijaaruu eegalle kanatti amantaalee fi dhaabbileen amantaa keenya horata dabalataa ittiin gara badhaadhinaatti imallu malee gola sodaa fi yaaddoo miti.

Kanaafuu, ummanni naannoo keenyaa gocha badii hordoftootaa fi dhaabbilee amantaa Irratti aggaamamu kamuu fashaleessuun nageenya isaa akka mirkaneeffatuuf waamicha dabarsa.

Obbo Shimallis Abdiisaa, itti aanaa preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa

Finfinnee

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment