Ibsa haala yeroo fi ejjennoo mootummaa naannoo Oromiyaa

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2012 (FBC) –Mootummaan naannoo Oromiyaa haala yeroorratti ibsaa fi ejjennoo baaseera.
 
Guutuun ibsichaa haala armaan gadiin dhiyaatera.
 
Ityoophiyaa keessatti kanaan booda wacaa fi okkaraan aangoo siyaasaa qabachuuf yaaluun manjummaa dha.
 
Oromoo fi ummanni Ityoophiyaa hundi muuxxannoorraa barataniiru.
 
A hanga Z buhaabahii siyaasa biyyattii qubeessuun osoo hin taane, jiraatanii arganiiru.
 
Dhufaa darbaan siyaasa biyyattii horata caalmaatti gabbisuufi dogongora sirreessaa deemuu mannaa, diiganii akka haaraatti ijaaruurratti kan fuulleffate ture.
 
Maraanmartoon siyaasa dulloomaa kun akka biyyaafi ummataatti gatii qaalii nu kaffalchiiseera; hanga ammaattis nu kaffalchiisaa jira.
 
Miiraan oofamuufi Hogganaa ofii dhaga’uu dhabuun, wal sakaaluufi harka wal micciiruun, maqaa wal balleessuufi walitti moruun, wal balleessanii qabeenya horachuuf yaaluun kaleessas nu kuffise; har’as nu hin ceesisu.
 
Dhugaa kana ummata biyyaafi naannoo keenyaatti himuun hafee yaadachiisuufuu kan dhiphannu miti.
 
Cimsee ni beeka; lakkaa’ee himuu danda’a.
 
Har’as quuqamtoota of fakkeessanii akka biyyaafi ummataatti gatii hin malle nu kaffalchiisuuf kan watwaatan ni jiru.
 
Harka wayyaa jalaatiin yakka raawwachaa, wayita itti himame waakkachaa, humnoonni warra harka qulqulluu xureessuuf kaatan martinuu yeroon itti saaxilaman gaheera.
 
Siyaasni wacaafi okkaraa har’a seenaa taheera. Wareegama dhaloota ol adeemaatiin maallaqa sassaabbachuufi duroomuuf karoorfachuun wareersuu malee abjuu milkaa’u miti.
 
Ummataan anatu siif beeka jechuudhaan lallaba sobaatiin guutuunis si’achi gonkumaa hin hojjetu.
 
Ummanni humna dubbatee raawwatuufi odeessee jiraatu adda baafateera.
 
Kanaafuu, kanaan booda heeraafi seera biyyattiitti fayyadamee, hiree isaa kan murteeffatuufi birmadummaa aangoofi murteessummaa isaa kan mirkaneeffatu ummataafi ummata qofaa dha.
 
Mootummaan ammoo ol’aantummaa seeraa mirkaneessuudhaan dirree siyaasaa nagaafi demokraatawaa mijeessuuf kan yeroo kamiinuu caalaa kan hojjetu ta’uu carraa kanaan ni ibsa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment