Ibsa haala yeroo bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa

Finfinnee, Hagayya 11, 2012 (FBC) – Mootummaan naannoo Oromiyaa haala yeroo ilaalchisuun ibsa laatera.
 
Ummanni fi mootummaan naannichaa dhimmoota naannoo fi biyyaalessaarratti qindoominaan hojjechuu cimee itti fufuu isaa ibsichi eereera.
 
Biyyattiitti bu’aan qabatamaa fi abdii ummataa ta’an galmaa’uu jalqabeera.
 
Bu’aan hundagaleessa ta’e kun sakandii muraasaaf akka hin gufannee waardiyyaa ta’uun murteessa akka ta’e ibsichi balballoomeera.
 
Hojiin eegalame xiyyeeffannoo addaa argachuus ibsameera.
 
Konfaransii nageenyaa tibbana gandaa hanga naannootti gaggeeffameen ejjennoo tokkorra ga’uun danda’ameera jedha ibsichi.
 
Nageenyi, demookraasiin, misoomnii f duudhaaleen waliin jireenyaa cimee akka itti fufuuf qaamni hundi ga’ee isaa ba’uuf murteessera.
 
Qaamooleen nageenya ummataa booreessuuf socho’aa jiran gocha badiirraa akka of qusatan waamicha biyyummuu dhiyeesaniiru.
 
Kana yoo ta’uu baate hojii mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjetu cinaa dhaabbachuuf waadaa galamuu ibsa kanaan eerrameera.
 
Waamichi jeequmsaaf maqaa qeerroon tibbana waamamaa jiru kutaa hawaasaa kamiiyyuu kan bakka hin buune ta’uu ibsichi yaadachiiseera.
 
Waamicha farreen nageenyaa kana fashaleessuuf qooda qaamooleen nageenyaa ba’aniif mootummaan galata guddaa qaba jedhame.
 
Dargaggoonni magaalaa fi baadiyyaa waamicha taasifamuuf gurra hin qabu jedha ibsi mootummaan naannoo Oromiyaa gama Biiroo dhimmoota Koomiiniikeeshii mootummaa naannichaan baase.
 
Qaamooleen nageenyaa hawaasa hojii misoomaarratti bobba’ee jiru eeguuf qophii barbaachisu xummuru ibsameera.
 
Kanaafis hawaasni hojii idilee isaa gaggeessaa rakkoo nageenyaa naannoo isaatti muul’atu hordofuun qaama nageenyaaf eeruu kennuu akka qabu waamichi dhiyaateera.
 
Fedhiin farreen nageenyaa abjuu ta’ee hafa misoomni, demookraasii fi waliin jireenyi cimee itt fufa
 
Mootummaa naannoo Oromiyaa
 
Hagayya 2012
 
Finfinnee.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment