Nagaa Nagaa Nagaa!!!
Ummanni naannoo keenyaa, rakkoon nageenyaa yeroo dheeraaf isaa rakkisaa ture, karaa nagaa akka goolabamu yeroo garaa garaa hiriira nagaa gurguddoo gochuun waamicha dhiyeessera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa waamicha kana kan kabaju, cimsee deeggaruufi kan owwaatuuf yoo ta’u, akkuma yeroo maraa, waldhabdee naannicha keessatti deemaa jiruuf furmaanni dorgomaa hin qabne marii karaa nagaa taasifamu ta’uu cimsee amana.
Mootummaan harka jalqabbii waldhabdee kanaa irraa kaasee nagaaf diriirsaa ture hardhas kan hin dachaasne yoota’u, ejjennoo daandiin qaama kamuu injifataa taasisu marii nagaati jechuun tarkaanfachiisus hin laaffisne.
Kunis nageenyaafi misooma ummataaf kan dursa kennuufi mararfannaa hawaasaaf qaburraa kaa’eti.
Kutannoo waamicha karaa nagaa itti fufiinsa qabu taasisuu cinatti, gufuu daldaltoonni siyaasaa kaa’an tarkaanfachuun marii nagaa marsaa lamaaf biyya Taanzaaniyaatti adeemsifame mijeessuufi hirmaachuun mirkaneessee jira.
Fedhii guddaan mariiwwan kunneen waliigalteen xumuree, nageenya ummataa mirkaneessuufi irree gamtoomeen misooma naannichaa finiinsuuf qabu milkaa’uu dhabuun taatee gadda guddaadhaan yaadatamudha.
Haata’u malee, hidhattoonni kumaatamaan lakkaa’aman meeshaa waraanaa lafa kaa’anii karaa nagaa galuun, kutannoo mootummaan rakkoo kana karaa nagaa furuuf qabuuf ragaa baahuu irratti argamu.
Akkuma yeroo maraa, Mootummaan Naannoo Oromiyaa hidhattoota waamicha nagaa fudhachuun galaniif kabajaaf dinqisiifannaa olaanaa kan qabu ta’uu asumaan mirkaneessuun barbaadna.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, hiriirri ummataa waldhabdeen naannicha keessa jiru karaa nagaa akka furmaata argatu kutaalee Oromiyaa garaa garaatti adeemsifame fedhii cimaa ummanni nagaafi tasgabbiin akka deebi’u qaburraa kan madde ta’uu guutummaan kan fudhatuudha.
Yeroo gara garaattis ummanni keenya Farda luugamee, Waanjoo baatee, buuqqee duudaa qabatee, Callee harkanee, kallachaa baasee nagaa gaafateera; kadhateera.
Wanti nama gaddisiisu garuu, gareen daldaltoota siyaasaa adeemsa marii nagaa danquun dararaa ummataa madda galii godhatee ture, waamicha dhugaa ummanni gadadoon isaa akka dhuma argatuuf taasise irratti olola gaggeessuun, qoosaa egeree saba irratti taasisuu bare itti fufeera.
Ololli garichi burjaajii ummataa ittiin dabaluuf oofu kana qofa miti; dhiheenya kanas humnoonni nageenyaa mootummaa, gocha maallaqaaf nama ukkamsuu, galma qabsoo humnoota hidhatanii ta’e keessatti hirmaachuu tamsaasuun olola bu’uura hin qabne hafarsaa turee jira.
Garichi olola akka kanaa kan adeemsisu, fudhatamummaafi aarsaa amma lubbuutti humnoonni nageenyaa keenya misoomafi nagaa ummataaf kanfalaa jiru xureessuun, itti fufiinsaan jeequmsa madda galii godhachuuf karoorsuuni.
Maqa balleessiin akka kanaa wareegama qaalii, nagaa ummataa bakkatti deebisuuf humni nageenyaa keenya kaffalu waakkachuurraa kan maddu yoo ta’u, itti gaafatamummaa seenaas kan hordofsiisudha.
Dabalataanis, Mootummaan naamusni akka kabajamuufi nagaan namootaa akka eegamu, gocha humnoota nageenyaa isaa itti dhiyeenyaan kan hordofu yoo ta’u, rakkoolee naamusaa xixxiqqaa illee kan hin obsine ta’uu mirkaneessuu barbaada.
Haat’u malee, gareen faayidaa ummata keenyaa hunda dhidhimsuu amaleeffate kun gaaffii nagaa, ummanni hiriira bahuun gaafate dhimma mootummaan harka keessaa qabu fakkeessee salphisuuf yeroo yaalu muldhateera.
Gochi kun fedhiifi dhiibbaan ummataa humnoota hidhatanii socho’an biratti akka hin dhagaahamne taasisuuf kan raawwatamedha.
Bakka nagaan bu’etti, bakka walqoodinsi hafetti, bakka gidiraan ummataa dhaabbatetti, ajandaan mararfataafi dhimmamaa ummataa of-fakkeessee hafarsuun “sabboonummaa” ittiin goonfatu, akkasumas bu’aa dinagdee argatu waan dhabuuf, gaafffii marii nagaa akka har’aa kana xiqqeessufi danquun isaa kan barame. Adeemsi kun umamaafi amala garee “sabboonummaa fakkeessaa itti jiraatuufi odeessee bulaa kanaati.
Hundaa’ol, hiriira nagaa ummatni fedhii isaatiin nageenya dheebochuu irraa ka’ee bahu, akka qaamaa mootummaan qindaa’eetti muldhisuuf yaaluun dhugaa irraa kan fagaateefi madaa ummataa mukaan horfuu akka ta’etti kan yaadamudha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, ejjannoo isaa furmaanni karaa nagaa hunda caala jedhu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaa, gaaffii ummanni keenya, rakkoon nageenyaa naannoo Oromiyaa mudate marii nagaan akka hiikamu, hiriira bahuun dhiyeesse kan kabajuufi fudhatu yoo ta’u waldhabdee kana marii nagaan fixuuf daandii dheeraa kamuu kan imaluufi marii hidhattoota waliin taasifamu kamiifuu qophii ta’uu carraa kanaan irra deebiin mirkaneessuun barbaada.
Waamicha Ummataatti Qoosuun Itti Gaafatamummaa Seenaa Hordofsiisa!
Sadaasa 6/2017
Finfinnee