Ibsa bulchiinsa mootummaa naannoo Ormoiyaa

Finfinnee, Adooleessa 8, 2013 (FBC) – Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa haala yeroo ilaalchisuun ibsa baaseera.
Guutuun ibsichaa haala armaan gadiin dhiyaateera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa ijaarsa Itoophiyaa keessatti gumaacha isa madaalu gochaa tureera.
Bilisummaa ummataa fi Birmadummaa biyyaa kabachiisuuf wareegama barbaachisu hunda kaffaluurratti of qusatee hin beeku.
Weerara alaafi aggaammii baandaawwanii boqonnaawwan seenaa keessatti Itoophiyaa mudatan hunda fashaleessuuf of kennee wareegameera.
Injifannoo boonsaa akka biyyaatti galmeessaa har’a geenye keessatti seenaa dhaalamu galmeesseera.
Har’as akkuma kaleessaa mootummaan Naannoo Oromiyaa Ummata naannichaa qindeessuufi waltahiinsa obboloota keenyaatiin aggaammii keessaafi alaa Itoophiyaarratti taasifamu hunda fashaleessuuf qophii ta’uu ibsa.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa murtii dhukaasa dhaabuu gam-tokkee mootummaan federaalaa fudhate ummataaf carraa of dhaggeeffannaa gaarii Kan uume ta’uu amana.
Hojiirra oolmaa isaatiifis deeggarsa barbaachisu gochaa tureera.
Haata’u malee, humni TPLF/Juntaa dhalootarraa jallate waamicha faayidaa ummataatiif akka Iddoo hin qabne agarsiisaa jira.
Ammas akkuma kaleessaa yaadamaafi ilaalama dulloomaa faallaa faayidaa ummataa ta’een oofamee waraana labsuurratti argama.
Ka’umsi yaadama siyaasaa TPLF ummata akka diinaatti farrajuurratti kan bu’uureffateedha.
Madda wal-dhabdee, farra tokkummaafi kufaatii sabboonummaa biyyaalessummaati.
Fanjiin farra tokkummaa Juntaa kun guyyaa guyyaatti dhohuun sababa du’aafi dararama lammiilee ta’ee waggoottan kan lakkoofsiseedha.
Umrii maraammartoo hiyyummaafi booddeetti hafummaa nurratti kan dheeeresseedha.
Gufuu tarkaanfii imala guddinaafi badhaadhinaa ta’ee nu sakaaluurrattis argama. Haalota kana hunda keessatti ummanniifi biyyi adda durummaan dararamaa jira.
TPLF/Juntaan ummata nan qabsaa’aaf jedhee himuufi maqaa isaatiin jiraatu Tigiraawaayiin dabalatee yaadeefiis naheefiis hin beeku.
Humni kun kaleessa Wayita Hawuzen keessatti Iddoo gabaatti boombii roobsee Ummatarratti haleellaa dimshaashaa raawwate galtee ololaaf malee qabsoo birmadummaaf hin turre.
Ummata barbadeessuun Ummata bilisomsuun yaadama ulaagaa kamiinuu araaramu miti.
Har’allee taanaan chaartarii mirga daa’immanii Mootummoota Gamtoomaniin bahe cabsuudhaan daa’imman kichuu waraanaaf of fuuldura hiriirsaa jira.
Maangudoota, haadholiifi abbootii amantaa akka gaachanaatti of dura qabuun dhumaatii isaaniitiin gonfoo gootummaa uffachuuf yaala.
Ammas taanaan TPLF/Juntaan faallaa fedhii mootummaan federaalaa nageenyaafi tasgabbii uumuuf agarsiisee deemaa jira.
Fedhiin gam-tokkeen dhukaasa dhaabuu mootummaa federaalaatiin labsame waqtii gannaa kanatti qonnaan bulaan tasgabbiin akka qotatu, gargaarsi lammiileef akka qaqqabuufi walitti buhiinsi akka hin hammaanneef ta’us, Juntaan harkaafi miira badii ittiin dhalatee guddate to’chuu hin dandeenye.
Maniifeestoon Juntaa bara 1967 wixinee ummataafi ummata walitti buusuufi nageenyaafi tasgabbii dhabamsiisuu akkasumas hariiroofi waliin jireenya ummataa faaluuf kan qophaa’eedha.
Akeeka badii ummata dhaabaafi dagalee ijaarsa Itoophiyaa tahee har’a gahe bittinneessuutiin kan ijaarameedha.
Wayyaanee/ Juntaan akka waan eelaan Inni bara bulchiinsasaa Waggaa 27n darban ummatatti fe’e xiqqaateetti, har’as gochoota hammeenyaa biyyarratti fe’aa jira.
Gochaan duguuggaa sanyii TPLF/Juntaan Maayikaadiraa irratti raawwate akeeka farrummaa ummataa sabummaarratti hundaa’edha.
Ammas dabalataan gochaa walfakkaatu raawwachuuf watwaachaa jira.
Humni Juntaa kun dantaa biyyaafi ummataa gurguruuf duuba jedhee hin beeku.
Shariika humnoota faallaa fedhii misoomaafi guddinaa Itoophiyaa ta’an hundaa ta’ee ergama diigumsaafi walitti buhiinsaa fudhatee raawwachiisaa ture.
TPLF/Juntaan Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa gufachiisuuf taatoo angafa ta’ee hojjechaa ture.
Maallaqa ijaarsa hidha haaromsaatiif ummatarraa walitti qabame saamuun waggoottan dheeraadhaaf harkifachiiseera.
Hoggansa jijjiiramaafi hirmaannaa ummataatiin gara ijaarsaatti wayita deebi’amus, shiraafi ololaan gufachiisuuf yaalaa tureera.
Baandummaan TPLF gantummaa ummataarra darbee hanga irmadummaa biyyaa ganuutti ga’eera.
Itoophiyaan yoo diigamtes ta’e humna kamiinuu yoo weeraramte dantaa kan hin qabne ta’uu ifatti ibsateera.
Kanaafuu, TPLF tokkoof kan oogu, kaan kan dhorku osoo hin taane, kallattii diigumsaafi walfixiinsa dimshaashaa kan hordofsiisuudha.
Allaattiin fira fakkaattee simbira nyaatti akkuma jedhamu sana, ololaan tokkoof oodee, tokkoof yaadee, kaan ammoo kan balaaleffatu Wayita fakkaatu amananii fudhachuun gowwummaadha.
Humni Juntaa kun injifatameera.
Dirree siyaasaarratti yaada mo’aataa dhiyeessuu waan dadhabeef gadi lakkisuu filannoo godhateera.
Barii dirree siyaasaa gadi lakkisetti ololaan waraana labsuu eegale.
Bulee osoo hin oolin qabeenya birmadummaa biyyaa eeguudhaaf dafqa lammiilee hundaatiin bitame saame.
Meeshaa waraanaa naannoo Kaabaa ture kanaan Itoophiyaa jilbeenfachiisutti dhaadate.
Miira machii jajjabeessituu gantoota Birmadummaa biyyaafi humnoota alaatiin raayyaa ittisa biyyaa dugda duubaan rukute.
Gaachana biyyaa ummataaf warroomee, waggoottan 20 oliif waliin jiraate salphisuuf tarkaanfii suukanneessaa hanga dhala namaarra konkolaata fehumsaa deemsisuutti ga’u fudhate.
Ummanni naannoofi biyya keenyaa gochoota badii Juntaa kana hunda balaaleffachuu bira darbee waan qabu hundaan raayyaa ittisa Biyyaatiif hanga dirmachuutti gaheera.
Naannoo Oromiyaatti ejjennoo ummataa “Lukkuu hanga lubbuutti Raayyaa Ittisa biyyaa waliin ni dhaabbanna!” Jedhuun hojii qabatamaan mirkaneesseera.
Ammas mootummaan Naannoo Oromiyaa gaachana Birmadummaa biyyaa kan tahe Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin dhaabachuuf qophiidha.
Waamicha biyyaa yeroon gaafatu hunda keessatti gumaacha mootummaafi ummata naannichaa madaalu gochuuf qophii ta’uu ibsa.
Ummanni Naannoo keenyaa kaleessa yeroo rakkoo hunda keessatti waamicha mootummaa dhageessanii summii diigumsaafi walfixiinsaa diinonni keenya qopheessan dhangalaastaniifi aggaammii badii isaanii fashaleessitan, har’as hirmaannaa barbaachisu hunda gochuudhaan raayyaa ittisa biyyaa waliin akka dhaabattan imaanaa jenna.
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Adoolessa 2013
Finfinnee
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment