Finfinnee, Adooleessa 2, 2013 (FBC) –Ibidda warshaa Baangilaadeesh keessatti ka’een yoo xiqqaate namootni 52 du’uun ibsame.
Baagilaadeeshitti ibiddaa warshaa keessatti uumameen namootni 52 du’anii, 30 ammoo madaa’uu isaanii tajaajilli yeroo hatattamaa biyyaattii hime.
Ibiddi kun kan ka’e Kamisa galgala warshaa nyaataa fi dhugaatii Hasheem kan magaalaa Rupgaanjitti argamu keessattidha jedhame.
Ammayyuu hojjattoonni warshiichaa hedduun achi buuteen isaanii waan hin baramneef lakkoofsi namoota miidhamanii akka dabaluu danda’u qondaalli tajaajila ittisa ibiddaa biyyattii BBCtti himeera.
Hojjaattonni hedduun guyyaa ibiddi kun eegaletti hojii irraa ba’anii kan turan ta’us, hojjattoonni dhibbaan lakkaa’aman halkan sana achi turani jedhame yaadama.
Namootni ijaan argan akka himanitti hojjattoonni hedduun kan madaa’an darbii olii gamoo warshichaa irraa yeroo utaalaniidha.
Namootni hedduun ibidda kana jalaa baqachuu kan dadhabaniif balballi gara darbii gadiitti geessuu cufamee waan tureefi anga’oonni biyyatti himaniiru.
Bara 2013tti ibiddi gamoo tokkotti ka’e namoota 1,100 erga ajjeesee booda mootummaan fooyya’iinsa akka taasisu waadaa seenee ture.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.