Balaa ibidda naannoo daangaa Paarkii gaarreen Baaleetti ka’e to’achuuf yaaliin taasifamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2014 (FBC)– Balaa ibiddaa naannoo daangaa  Paarkii gaarreen Baaleetti ka’e to’achuuf yaaliin taasifamaa jiraachuu Biiroo Eegumsa Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Oromiyaatti Waajjirri Damee Baalee ibse.

Balichi aanaa Barbaree bakka Simanaa Odoobuluu jedhamutti guyyaa lama dura ka’uu bakka bu’aan hojii gaggeessaa waajjirichaa obbo Qana’aa Didhaa ibsaniiru.

Namoota karaa seeraan alaa kasala qopheessan, damma baasanii fi margi akka biqiluuf ibidda qabsiisaniif irra deddeebiin balaan ibiddaa kun kan uumamu ta’uu yaadachiisaniiru.

Ka’umsi balichaa qoratamaa jiraachuu fi hongeen walqabatee namoota beellada isaaniif marga barbaacha qabatanii seenaniin ta’uu mala jedhanii kan tilmaaman ta’uu eeraniiru.

Bakkichi rakkisaa ta’uunii fi haalli qilleensaa goggogaa ta’uun ibiddicha guutumaan guutuutti to’achuuf  rakkisaa ta’uu himaniiru.

Balichi aanaa Barbareerraa gara aanaa Goobbaatti babal’achaa wan jiruuf bulchiinsa sadarkaan jiru, qaamolee nageenyaa fi kutaalee hawaasaa garaagaraa hirmaachisuun balichi miidhaa cimaa osoo hin qaqqabsiisiin to’achuuf tattaaffii qindaa’aan taasifamaa jiraachuu kaasaniiru.

Balaan ibiddaa kun gara bosona paarkichaatti akka hin babal’anneef  hawaasa naannichaa hirmaachisuun hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu hogganaan Paarkii Biyyaalesaa  Gaarreewwan Baalee obbo Shaamiil Kadir ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment