Finfinnee, Muddee 16, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Huwaawwee mootummaa Chaayinaa fi dhabbiilee biroon waliin walitti dhufeenya akka hinqabne beeksise.
Dhaabbanni Huwaawwee mootummaa Chaayinaa fi dhaabbilee biroo irraa deggeersii ni taasifaama kan jedhuu fudhatama dhabsiisera.
Barruun Weel Street akka gabaasetti, karaa garaagaraan mootummaa Chaayinaa dhaabbatichaaf deeggarsa Doolaraa Ameerika Biiliyoona 75 taasiseera ragaa jedhuu qabatee baheera.
Dhaabatichi garuu deeggarsi dhaabilee biroos ta’ee mootummaa Chaayinaarra deeggarsi akka hin taasifamne ibseera.
Dhaabbanni Huwaawwee gabasaa barruu Weel Street kuffiisuun gochaa maqaa balleessiin seeraa akka gafatuu beeksiseera.
Maddi:- CGTN