Huuwaaween teeknooloojiiwwan faalamarraa bilisa ta’anii fi tajaajila 5G waliin ga’uuf hojjetan kan deeggaru ta’uu ibse

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2014 (FBC) – Huuwaaween teeknooloojiiwwan faalama naannoorraa bilisa ta’anii fi tajaajila 5G waliin ga’uuf hojjetan kan deeggaru ta’uu ibse.

Dhaabbatichi sadarkaa idil addunyaatti dhaabbilee teeknooloojii  tajaajila neetwoorkii laatan, human qusatanii fi faalama naannoorraa bilisa ta’an dhugoomsuuf kan hojjetu ta’uu beeksiseera.

Dhaabbatichi biyyoota hedduu keessatti neetwoorkii 5G diriirsuuf akkasumas bu’uuraalee misoomaa odeeffannoo salphaa, faalama naannoorraa bilisa ta’anii fi ammayyaa diriirsuuf fedhii kan qabu ta’uu ibseera.

Huuwaaween hanga yoonaatti biyyoota akka Siwiizarlaand, Jarman, Fiinlaand, Neezarlaand, Kooriyaa Kibbaa fi Sawud Arabiyaa dabalatee biyyoota 13 keessatti sarara neetwoorkii 5G diriirsuu fi mirkaneessa ga’umsa nageenyummaa argachuu eerameera.

Fuuldurattis tajaajila neetwoorkii 5G dabalatee tajaajiloota garaagaraa dhiyeessuuf dhaabbilee tajaajila neetwoorkii dhiyeessan biyyoota garaagaraa waliin waliigalteewwan kuma 3 ol mallatteessuu ibsameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment