Hundeessaan ‘Wikileaks’ Juliyaan Asaanji hidhaarraa gadi lakkifame

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2016 (FBC)- Sanada icciitawoo guguddaa miliqsee baasuun himatamee waggoottaniif mana hidhaa Ingiliz kan ture hundeessaan ‘Wikileaks’, Juliyaan Asaanji hidhaarraa gadi lakkifame.

Juliyaan Asaanj mana hidhaa Ingiliz irraa Ameerikaatti dabarfamee kennama jedhamaa erga turee booda, waajira haqaa Ameerikaa waliin waliigaltee taasifameen himannaa irratti dhiyaate raawwachuu amanuun hidhaa dabalataa malee akka gadi lakkifamuu ta’uun ibsameera.

Hundeessaan ‘Wikileaks’ Juliyaan Asaanji waggoota shanan darban, erga 2019 kaasee, mana-hidhaa Ingiliz turuu kan yaadatamuudha,.

Landan, Embaasii Ekuwaadooritti bara 2012 irraa eegalee koolu galtummaan kan jiraachaa ture Juliyaan Ebla 2019 to’annaa jala ooluu BBC’n gabaaseera.

Ameerikaan iccitiiwwan inni miliqsee baase seera biyyattii kan cabsee fi lubbuu namootaa balaaf kan saaxile ta’uu ibsa turuun eerameer.

Asaanji dhimmichi ilaalcha siyaasaa of duubaa qaba jechuun dabarfamee kennamuu isaa faccisaa turuun himameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment