Finfinnee, Caamsaa 16, 2015 (FBC)- Hundeeffamni waggaa 60ffaa Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa duraanii fi Gamtaa Afrikaa ammaa guyyaa borii kabajama jedhame.
Gamtaan Afrikaa bara Faranjootaa 1963 biyyoota 32’n hundaa’uun kan yaadatamuudha.
Saganticharratti Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad, Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat fi Duraa Taa’aa Gamtaa Afriikaa yeroo amma Azaalii Asumaanii ergaa akka dabarsaan ragaan gamticharraa argame ni mul’isa.
Guyyichatti qaamoleen kaka’umsa hawaas-diinagdee ardichaa akkasuma hundeeffama gamtichaaf gumaacha taasisan ni leellifamu jedhameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.