Hundeeffama Machaal Waggaa 80ffaa sababeffachuun taphoonni michummaa gaggeeffaman

Finfinnee, Adoolessa 7, 2016 (FBC)-Hundeeffama Garee Kubbaa Miilaa Machaal Waggaa 80ffaa ilaalchisuun taphoonni michummaa garaagaraa gaggeeffamaniiru.

Haaluma kanaan tapha Garee Aanga’ootaa fi Garee Abbootii Qabeenyaa gidduutti gaggeeffameen, Gareen Aanga’ootaa 2 fi 1’n injifateera.

Bifuma walfakkaatuun Gareen Taphattootaa Duraanii Machaalii fi Garee Aartistoota gidduutti gaggeffameen Gareen Artistootaa 3 fi 0’n injifateera.

Mata duree “Machaal Itiyoophiyaaf” jedhuun waggaa 80ffaa hundeeffama garee Machaal sababeeffachuun taphoonni kunneen gaggeeffamuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Tapha gaggeefame kanarratti taphataan beekamaan lammii Poorchugaal Luwiis Naanii fi lammiin Naayijeeriyaa Niwaankii Kaanuun Isteediyamii Finfinneetti argamuun taphichaa daawwataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment