Hundeefamni Fooramii Dargaggoota dhaabbilee Mootummaa fi Waldaalee Siivikii gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 12, 2016 (FBC) – Qooda fudhattoota waliin gurmaa’insa dargaggootaa fi dhimmoota dargaggootarratti kan hojjetu fooramiin dargaggoota dhaabbilee mootummaa fi Waldaalee Siivikii gaggeeffamaa jira.
Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa hundeeffamicha gaggeessaa kan jiru yoo ta’uu, gurmaa’insa dargaggootaa, dargaggootaa fi qooda fudhattootaa gidduutti hariiroo cimaa fi hojmaata qindoomina qabu uumuun hirmaannaa hunda galeessaa fi fayyadamummaa dargaggootaa cimsuuf kan kaayyeeffate ta’uu ibsameera.
Dargaggoonni barnoota qulqullina qabuu fi tajaajila fayyaa amansiisaa argachuu akka qaban Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Aadde Muunaa Ahimad waltajicharratti ibsaniiru.
Qooda fudhattoonni qindoominaan hojjechuun dargaggoota ciccimoo horachuuf fooramichi qooda qabaachuu eeraniiru.
Tigisti Asmaamaawutu gabaase.
Comments (0)
Add Comment