Humnoota Sudaan walmari’achiisuuf dureewwan Finfinnee galan

Finfinneen, Adoolessa 3, 2015 (FBC)-Walitti bu’iinsa Sudaan furuuf humnoota walwaraanaa jiran jaarsummaa taa’uuf dureewwan biyyoota garaagaraa kaleessa galgala Finfinnee galaniiru.

Marii kanaan dureewwan biyyoota garaagaraa fi hoggantoonni dhaabbilee Idil Addunyaa Finfinnee seenaniiru.

Dureewwan wayita Finfinnee seenan Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon simatamuu DhPI gabaaseera.

Waxabajjii 5, 2015 Jibuutiitti walga’ii IGAD gaggeeffame irratti dhaabbatichi dureewwan Ityoophiyaa, Keeniyaa, Sudaan Kibbaa fi Jibuutii, humnoota Sudaan gidduu jaarsummaa akka taa’an filuun kan yaadatamudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment