Humnoota shororkeessitootaa fi nageenyaa biyyaalessaaf yaddoo ta’anirratti tarkaanfiin fudhatamu cimee itti fufa jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2014 (FBC) – Naannoo kamittuu kan socho’an shororkeessitootaa fi nageenyaa biyyaaf yaaddoo kan ta’an humnootaa ergamtootaa irratti tarkaanfiin fudhatamu cimee kan itti fufu ta’uu Miseensonni Koree Hojii Raawwachiiftu Paartii Badhaadhinaa ibsan.

Walga’iin Koreen Hojii Raawwachiiftuu Paartiin Badhaadhinaa gaggeeffamaa jira.

Miseensonni Koree Hoji Raawwachiiftuu Paartichaa akka jedhanitti, Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa akkataa duraan kallaatii kaa’een, shorkeessitootaa fi fiinxaleyyiirratti tarkaanfiin olaantummaa seeraa milkaa’aan fudhatameera.

Tarkaanfiin fudhatames gaaffii nageenyaa fi tasgabbiif deebii ta’uu eeranii, dandeettiin ergamtoota diina Ityoophiyaa dadhabaa ta’uu himaniiru.

Naannawaa kamittuu haleelaan lammiileerratti raawwatamu dhimma Ityoophiyaanota hundaa ta’uu eeranii, gareewwaan shororkeessitootaa saba yookaan amantaa kamiyyu kan bakka hinbuune, diina ummataa fi biyyaati jedhanii, diinota kanneen irree tokkoomeen dhabamsiisuu qabnaa dubbatan.

Bu’uuruma kanaan walta’iinsi hawaasni qaamolee nageenyaaf taasisuu cimee, tattaffii garee shororkeessa dhabamsisuuf taasifamuu akka tumsu gaafataniiru.

Abjuun biyyaa diiguu shororkeesitootaas gonkumaa hinmilkaa’u jedhan.

Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggaasa tulluu bu’uuraa kallatti Manni Maree Nageenya biyyaalessa kaa’een, tarkaanfii olaantummaa seera kabachiisuu fudhatameen bu’aa olaanaan galmaa’uu himanii, kunis cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Naannawaa garagaraatti haleellaa garee shororkeessa shaneen raawwatame hordofee tarkaanfii humni nageenya fudhateen hedduun dhabamsiifamuu fi to’annoo jala oolfamuu ibsaniiru.

Garechi hanga guutummaatti dhabamsiifamutti tarkaanfiin humni nageenyaa fudhatu cimee kan itti fufu ta’uu himanii, hawaasnis waloon akka dhaabbatu gaafataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment