Humnoota finxaaleyyii naannoo Amaaraa aangoo naannichaa humnaan to’achuuf tattaaffatan irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Eebla 20, 2015(FBC)- Naannoo Amaaraatti humnoota finxaaleyyii sirna heera mootummaa diiguun aangoo naannichaa humnaan to’achuuf tattaaffatan irratti tarkaanfiin keessa deebii hin qabne fudhatamaa jiraachuu Humni Waloo Nageenyaa beeksise.

Qaamoleen alaafi keessaa uummata Amaaraaf ni qabsoofna jechuun qindaa’an gareewwan isaan fakkaatan waliin ta’uun ijoollee uummataa gaafa xiiqii galaafachaa jiraachuu humni walichaa ibsa Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetiif ergeen ibseera.

Humnoonni finxaaleyyii kunneen guyyaa kaleessaas Itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Amaaraa ajjeesuun gochaa saalfachiisaa raawwatan mirkaneessuu ibsameera.

Humnoonni finxaaleyyii gocha badii kana raawwataa jiran uummanni Amaaraa fayyadamaa misoomaafi nageenyaa akka hin taaneefi jireenya tasgabbaa’aa akka hin jiraanne akkasumas murtoowwan mootummaa hojiirra akka hin oolle gufuu uumaa turuu ibsi human waloo nageenyaa yaadachiiseera.

Humnoonni kunneen adeemsa jaarsummaa bakkeewwan garaagaraatti taasifaman dhiibuuniifi waan fudhatan fakkeessuun gareen gurmaa’uuniifi qindoominaan hojii seermaleessuummaa isaanii itti fufuu humni walichaa beeksiseera.

Naannichatti sirna heera mootummaa diiguun aangoo naannichaa humnaan to’achuuf tattaaffii taasisaa turuu yaadachiiseera.

Humni Waloo Nageenyaas kana hordofuun tarkaanfii barbaachisaafi seera qabeessa fudhachuu eegaluu ibsameera.

Humni waloo kun naannoo Amaaraatti osoo hin daangeffamiin akka biyyaattis humnaan mootummaa aangoorraa fonqolchuuf dhagaa inni hin galagalchine kan hin jirre ta’uufi daandii badii kanarraa akka deebi’aniif carraa irra deddeebiin kennameef fayyadamuurra gochaa badiisaanii itti fufuu eeraniiru.

Miseensonni garichaa gochaa seermaleessummaa isaaniin to’annaa jala ooluun dhimmi isaanii seeraan ilaalamaa jiru hedduun jiraachuu humni walichaa beeksiseera.

Mootummaan biyyattiitti akkasumas naannichatti itti gaafatamummaa olaantummaa seeraa mirkaneessuu waan qabuuf garee, qaamoleefi namoota dhuunfaa garicha maallaqaan deeggaran irratti tarkaanfii keessa deebii hin qabne fudhachuu eegaluu ibsameera.

Deeggartoonni garee finxaaleyyii biyya keessaafi alaa ajjeechaa Obbo Girmaarratti raawwate mormuurra haala nama saalfachiisuun garicha wayita deeggaran kan mul’atu ta’uu ibsameera.

Yaada yaadaan mo’achuurra haala naamusa Ityoophiyaarra ala ta’een garee finxaaleyyii haala suukkanneessaan ajjeechaa raawwatan uummanni tokkummaan balaaleffachuun akka qabu eerameera.

Ajjeechaa suukkanneessaan Obbo Girmaa Yeshiixilaarratti raawwatame bifa humnoota finxaaleyyii kan ifoomse ta’uu kaasuun, mootummaan nageenya uummataa mirkaneessuuf dirqamasaa bahachuuf tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu waan eegaleef uummannis kana hubachuun sochii qaamoleen nageenyaa federaalaafi naannoo itti gaafatamummaa mirkaneessuuf eegalaniif eeruufi odeeffannoo kennuun deeggarsa akka taasisu humni walichaa waamicha dhiyeesseera.

Hawaasni rogeeyyii miidiyaa gochaa saalfachiisaa humnoota finxaaleyyii dhoksuun gama miidiyaalee hawaasummaa oduu qabatamaa hin taane tamsaasan irraa akka of eegu yaadachiisuun, gara fuula duraatti tarkaanfii fudhatamu irratti uummataaf kan ifoomsuu ta’uu humni walichaa mirkaneesseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment