Humnoota farreen Ityoophiyaa ajandaa diigumsaa uuman ittisuuf tokkummaan dhaabbachuu qabna-Obbo Dammaqaa

Finfinnee, Caamsaa 2, 2014 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokkonniin humnoota farreen Ityoophiyaa ajandaa diigumsaa uuman ittisuuf tokkummaa cimaan dhaabbachuu qabna jedhaniiru.

Qaamolee nageenyaa duula birmadummaa biyyaarratti ga’eesaanii ba’aniif mata duree ‘’Aarsaa olaantummaa seeraa kabachiisuu fi duula birmadummaatiin kaffalamee tokkummaa fi birmaddummaa Ityoophiyaaf’’ jedhuun sadarkaan guddinaa laatameera.

Sirnicharratti argamuun haasaa kan taasisaan Obbo Dammaqaan, humnoonni biyya keessaa fi alaa Ityoophiyaa balaarra buusuuf tattaaffii taasisaa jiru jedhaniiru.

Humnoonni farreen Ityoophiyaa amantaa fi saba da’oo taasifachuun Ityoophiyaanoota rakkoo keessa galchuuf tattaaffii taasisaa jiru jedhan.

Uummanni kana hubachuun gochicha ittisuuf tokkummaa dhaabbachuu qabu jedhaniiru.

Maddi:-TOI

Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment