Humnoonni waraanaafi siiviilii Sudaan gaaga’ama siyaasaa hambisuuf waliigalan

Finfinnee, Sadaasa 26,2016 (FBC)-  Humnoonni waraanaafi siiviilii Sudaan gaaga’ama siyaasaa biyyattii hambisuuf waliigaltee waliif mallatteessan.

Humnoonni lameen waliigaltee waldhabdee siyaasaa biyyattii hiikuufi mootummaa ce’umsaa siiviiliin hogganamu hundeessuu isaan dandeessisu waliif mallatteessuu ibsameera.

Waliigaltichi ajajaa waraanaa biyyattii Abdulfattaa Al- Burhaaniifi hoggantoota siiviilii humnoota bilisummaafi jijjiiramaa gidduutti mallattaa’uu eerameera.

Waligaltichaan mootummaan ce’umsaa biyyattii gara filannootti fidu hundeessuuf waadaan kan galame yoo ta’u, adeemsa ce’umsa diimokiraasii biyyattii adda cite ture ni deebisa jedhameera.

Jeneraal Al-Burhaan bara faranjootaa Onkoloolessa 2021 irraa eegalee labsii yeroo ariifachiisaa labsuun mana mare birmadummaafi mootummaa ce’umsa biyyattii erga bittinneessanii booda Sudaan gaaga’ama siyaasaa keessa jiraachuu CGTN gabaaseera.

Yeroo sanarraa eegalee Kaartuum dabalatee magaalota biyyattii garaagaraa keessatti sirni bulchiinsa biyyattii siiviiliitti haa deebi’u jechuun hiriirri mormii bahamaa tureera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment