Finfinnee, Waxabajjii 28, 2013 (FBC)- Loltoonni Afgaanistaan gara olaa Taajiikistanitti baqachuusaani hordofee humnoonni Taalibaan bulchiinsa Baadaayishaanii fi Kaandahaar to’ataniiru.
Loltoonni Taalibaan gara daangaatti wayita imalaan loltoonni Afgaanistaan 300 ol Afgaanistaanii bulchiisoota Baadaayishaan gara Taajiikistaanitti jijjiiruusaanii Koreen Nageenyaa biyyooleessaa Taajiikistaan ibsa baaseen ibseera.
Hoggansa ‘ollaa gaarii fi namoomaan’ boodaarra loltoota Afgaanistaan gara daangaa Taajikistaan kutanii akka seenaan eeyyamuusaanii ibsichaan eerrameera.
Preezdaaantiin Ameerikaa Joo Baayidaan ‘waranni barabaraa’ xumurameera jechuun erga labsanii walakkaa Eebilaarra eegalee humnoonni Taalibaan guutuu biyyattitti babbalachuun isaanii dhaga’ameera.
Maddi:-AljaZiraatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.