Humnoonni Sudaan lameen Sooma Ramadaanaan dhukaasa akka dhaaban waamichi dhiyaate

Finfinnee, Guraandhala 30, 2016 (FBC)- Manni Maree Nageenya Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Humnoonni Sudaan baatii Sooma Ramadaanaa keessa dhukaasa akka dhaaban waamicha dhiyeesse.

Dhukaasni yoo dhaabbate lammiilee miiliyoona 25’tti dhiyaataniif deeggarsa namoomaa dhiyeessuun akka danda’amu manni marichaa eereera.

Manni marichaa humnoonni Sudaan lameen dhukaasa akka dhaaban waamicha dhiyeesse kanas biyyoonni miseensotaa 14 yoo deeggaran, Raashiyaan akka hindeeggarre eerameera.

Raashiyaan yaada murtechaa kan mormite manni marichaa humnoonni lameen akka dhukaasa dhaaban dhiibbaa uumuurra, waraanicha waarinaan furuun haala danda’amurrattu yaada murtee qopheessuu qaba jechuun ejjennoo ishee calaqqisiisurraan akka ta’e Aljaziiraan gabaaseera.

Walitti bu’iinsa Sudaanitti mudateen hanga ammaatti lammiileen miiliyoona 8.3 buqqa’uu fi lammiileen miiliyoona 18’tti dhiyaatan deeggarsi namoomaa hatattamaa akka barbaachisuun akeekameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment