Finfinnee, Adoolessa 3, 2015 (FBC)- Humnoonni Sudaan walitti bu’iinsa furuuf haalduree tokko malee Waliigaltee Dhukaasa Dhaabuu akka taasiisan Dhaabbanni Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) gaafateera.
Yaa’iin arfee hoggantootaa Dhaabbanni Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa walitti bu’iinsa Sudaan hiikuuf hundeesse haala waqtaawaa Sudaanirratti mari’ateera.
Yaa’ichi bakka Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad, Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo, Ministirri Dhimma Alaa fi Tumsa Idil Addunyaa Jibuutii Mahaammad Alii dabalatee hoggantoonni biyyoota garaagaraa argamanitti gaggeeffameera.
Dhaabbatichi yaa’ichaan booda ibsa baaseen humnoonni falmitootaa Sudaan walitti bu’iinsa dhaabuuf haalduree tokko malee waliigaltee dhukaasa dhaaburra akka ga’an yaadachiiseera.
Ibsichi kana dura waliigalteen dhukaasa dhaabuu taasiifame irra deddeebiin cabuu eereera.
Malli hordoffii fi to’annoo hojiirra oolmaa waliigaltichaa uumamuu akka qabu hubachiiseera.
Haalli yeroo ammaa Sudaan giddu seentummaa alaan hammaachaa jiraachuus ibseera.
Kun waraanaa Sudaaniif furmaata akka hintaane eeruun, qaamoleen lamaan garaagartee isaanii mariin akka furan gaafateera.
Lammiilee Sudaan sababa walitti bu’iinsa kanaan miidhaman hundaaf deeggarsi namoomaa hatattamaan akka dhiyaatu tarkaanfii qabatamaan fudhatamuu akka qabu yaa’ichi murteesseeera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.