Humnoonni Rippaablikaanii Dooneeskii magaalaa Yuukreen Voolnoovaakaa to’atan

Finfinnee, Bitootessa 2, 2014 (FBC) – Humnoonni Rippaablikaanii Dooneeskii magaalaa Yuukreen Voolnoovaakaa to’achuu Ministeerri Raayyaa Ittisaa Biyyaa Raashiyaa beeksiise.
Gareen Humna Rippaablikaanii Dooneeskii magaalaa Yuukreen Voolnoovaakaa to’achuu Dubbii Himaan Ministeera Raayyaa Ittisaa Raashiyaa Igoor Koonaasheenkoov ibsaniiru.
Akkasumas iddoolee naannawaa magaalichaatti argaman Oolgiinikaa, Veeliikoo – Anaadoolii, Zaleenii Gaayis to’achuu eeraniiru.
Raashiyaan erga Yuukreenitti duula addaa eegaltee Milishoonni Rippaablikaanii Dooneeskii fi Luugaaneeskii duulli waraanaa Doonibaasitti gaggeessaa jiran sadarkaa olaanaan babal’achaa dhufuu himameera.
Waraanni Raashiyaas sochii haleellaa isaa cimsee kan itti fufu yoo ta’u, magaaloota Peetirooviskooyyee, Ivigeenoobikaa fi Oktaabirikaayaa jedhamanitti dhiyaachuun fageenyaa Kiiloo Meetira 17 irratti kan argaman ta’uu Ispuutiniik Niwuus gabaaseera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment