Humnoonni Badii garee Finxaaleeyyii ABUT irraa ergma fudhachuun gocha sukkaneessaa raawwachuuf socho’aa turan to’ataman

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2013 (FBC) -Humnoonni Badii garee finxaaleeyyii ABUT irraa ergma fudhachuun kutaa biyyattii garaagaraatti gocha sukkaneessaa raawwachuuf socho’aa turan to’atamu Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaaleessaa beeksise.
 
Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaaleessa dhimmicha ilaalchise ibsa kaleessa ibsa laateera.
 
Qaamoleen murna gantuu fi garee finxaaleeyyii ABUT irraa ergama badii fudhachuun naannoo Gaambeellaatti Sabaa fi Sablammoota jiddutti walitti bu’iinsa uumuun naannicha dirree jeequmsaa gochuuf socho’aa ture hordoffii taasiifameen too’annaa jala himameera.
 
Magaalaa Finfinneettis shakkamtoonni Alam Dastaa Hayaloomii fi Gaatkiboom jedhaman badii raawwachuuf wayita socho’an too’annoo jala ooluu Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaaleessa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetiif ibsa lateen himeera.
 
Ummata iratti badii raawwachuun Naannicha dirree jeequmsaa taasiisuuf qaamooleen socho’an turan keessaa shakkamtoonni kanneen akka Tsagaayee Mabraatuu(Kaahisaay),Gabramaariyaam Anaaniyaa,Waastinnaa Tashoomaa(Jaal Seenaa),Abrahaam Mahaarii,koloneel Tasfaaye(Baalesteeraa) fi walumaagalatti namoonni 19 too’annoo jala ooluu ibsichi eereera.
 
Gama biroon naannoo Beeniishaanguul Guumz godina Matakkalitti badii walfakkaataa rawwachaa kan turan godinaalee Asoosaa fi Kaamaashetti sabaa fi sablammmoota walitti buusuun naannicha dirree jeequmsaa taasiisuuf miseensa ABUT Abbay Tsahaayeerraa ergama fudhatanii socho’aa kan turan to’annoo jala ooluu ibsameera.
 
Qaamoolee badii kanneen harkatti meeshaalee badii raawwachuuf tajaajilan hedduun argamuu tajaajichi ibseera.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment