Finfinnee, Amajjii 8, 2016 (FBC)- Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa Biyyaalessa jala Bultiin Ayyaana Cuphaa (Kataraa) fi Ayyaanni Cuuphaa karaa nagaan akka kabajamuuf karoora baasuun hojiitti seenuu beeksise.
Qaamoleen dhimmichi ilaallatu fi jiraattoonni Magaalaa Finfinnee tumsa baratame taasisuu cimsee akka itti fufu humnichi waloo waamicha dhiyeesseera.
Kabajaa ayyaanichaa ilaalchisuun mariin gaggeeffameera.
Itti Gaafatamaan Qajeelchaa Waliigalaa Ittisa Yakkaa Poolisii Federaalaa Ittaanaa Komishinara Jeneraalaa Malaakuu Faantaan maricharratti akka ibsanitti, humnoonni farra nageenyaa kabaja ayyaanichaa jeequuf amantaa da’eeffachuun odeeffannoowwan walitti bu’iinsa kakaasan tamsaasaa jiru.
Humnoonni kunneen humna qabaniin miidhaa qaqqabsiisuuf duubatti kan hinjenne ta’uu akeekaniiru.
Ta’us, ayyaanichi nagaan akka kabajamuu hoggansii fi miseensonni itti gaafatama isaanii ga’umsaan akka bahatan hubachiisuu ragaan Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.
Hoggantuun Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Magaalaa Finfinnee Liidiyaa Girmaan gama isaaniin, hunduu gahee irraa eegamu akka bahatuuf hawaasaa fi abbootii amantaa waliin mariin gaggeeffamuu eeraniiru.
Komishinarri Poolisii Magaalaa Finfinnee Geetuu Argaawu Ayyaanaa Cuphaa fi jala bultii isaa sodaa malee hawaasni ba’ee akka kabajuuf qaamoleen nageenyaa teeknooloojiin deeggaramuun hojiitti seenuu beeksisaniiru.
Kabaja ayyaanichaarratti uffannaa, sirboota fi barreeffamoota ergaawwan walitti bu’iinsa amantaalee, sabaa fi sabaa kakaasan irra kan hindabarre ta’uu Humnichi Waloo hubachiiseera.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.