Humni waraanaa Ameerikaa walitti bu’iinsa kaaba Ityoophiyaa gidduu seenuus ta’e loltoota qubachiisuu hin qabu- Ameerikaatti Mana Maree Dhalattoota Ityoophiyaa

Finfinnee, Sadaasa 6, 2014 (FBC) – Humni waraanaa Ameerikaa walitti bu’iinsa kaaba Ityoophiyaa gidduu seenuus ta’e loltoota qubachiisuu akka  hin qabne Ameerikaatti Manni Maree Dhalattoota Ityoophiyaa beeksise.

Manni marichaa ibsa baaseen Koongiransii Ameerikaa, Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa fi Raayyaa Ittisa Biyyaa Ameerikaaf Ameerikaan Ityoophiyaarratti tarkaanfii loltummaa fudhachuu akka hin qabne hubachiiseera.

Mootummaan Ameerikaa  walitti bu’iinsa kaaba Ityoophiyaa gidduu seenuus ta’e loltoota qubachiisuu akka hin qabne ergaa ifa ta’e dabarsina jechuun manni marichaa ibseera.

Walitti bu’iinsi naannoo Tigraay dhimma keessoo Ityoophiyaa ta’uu ibsuun, dhimmichi Ityoophiyaanotaa fi mootummaa  karaa diimokiraasiin filatameen ilaalamuu akka qabu hoji gaggeessaan mana marichaa Diyaaqoon Yoseef ibsichaan kaasaniiru.

Mootummaan Ameerikaa walitti bu’iinsi kun akka hammaatu taasisuurraa akka of qusatu gaafataniiru.

Ameerikaan dhimma keessoo Ityoophiyaa keessa seenuun murtoo doogoggoraa ta’uu addeessaniiru.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Comments (0)
Add Comment