Humni Walooo Sagantaaleen Finfinneetti gaggeeffaman milkiin akka xumuraman hojiitti galuu beeksise

Finfinnee, Guraandhala 1, 2016 (FBC)- Humni Waloo Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa sagantaaleen Finfinneetti gaggeeffaman milkiin akka xumuramaniif hojitti galuu beeksiseera.

Guraandhala 3-10, 2016’tti Magaalaa Finfinnettii sagantaaleen garaagaraa kan gaggeeffamaan ta’uun walqabate Humnichi Waloo sagantaaleen kunneen milkiin akka xumuramaniif karoora nageeyaarratti mari’achuun hojiitti seenuu eereera.

Qaamoleen dhimmichi ilaallatuu fi hawaasni tumsa baratame akka taasisus gaafateera.

Guraandhala 3, 2016 Sirni Eebbaa Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa kan gaggeeffamuu ta’uun, guyyichattii muddamnii tiraafika akka hinmudanneef daandileen murtaa’aan konkolaattotaaf cufaa akka ta’an beeksiseera.

Haaluma kanaan daandiileen:

• Afincoo Barri Garaa Mana Amantaa Qiddus Giyoorgis,
• Hoteela Semeen Gara Mana Amantaa Qiddus Giyoorgis,

• Mana Amantaa Yohaannis Gara Addaabaabaayii Abuna Pheexiroos,
• Arat Mantaa Gara Jina’aad,
• Giddugalaa Gabaa Yirgaa Haayilee Gara Addaabaabaayii Abuna Pheexiroos,

• Riqichaa Habtegiyoorgisii Gara Somaalee Taraa,

• Somaalee Taraa Gara Qaxxaamura Hoteelaa Eliyaanaa (Baankoo Diroomaa)
• Addabaabbayyii Takilaahaayimaanoot Gara Addaabaabaayii Tewoodiroos,
• Immigireeshinii Gara Adda Baabayii Tewoodiroos,

• Mana Maxxansaa Daldalaa Gara Addabaabayyii Tewoodiroos,

• Qeeraa Duriirraa Gara Ibsaa Baankoo Diroomaa,

• Riqichaa Raas Mokonniin Irraa Gara Addabaabyii Dagol,
• Riqichaa Raas Mokonniin Irraa Gara Mana Amantaa Qiddus Giyoorgis,

• Hoteelaa Maqdala Gara Mana Amantaa Qiddus Giyoorgis,

• Mana Amantaa Qiddus Giyoorgis Irraa Gara Teelee fi Addabaabayii Fuuldura Mana Amantaa Qiddus Giyoorgisitti; daandileen geessaan Guraandhalaa 3, 2016 sa’aatii 6:00 irraa eegalee konkolaattotaaf cufaa ta’uu beeksiseera.

Konkolaachistoonis kana hubachuun daandilee filmaataa biroo akka fayyadamanii fi daandile Poolisoonni Tiraafikaa akeekan fayyadamuun tumsa barbaachisaa akka taasisan Poolisiin Magaalaa Finfinnee hubachiiseera.

Boru Guraandhala 2, 2016 eegalee daandiilee eeramanitti dabalataan naannawaa Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa yeroo gabaabaafis ta’e dheeraaf konkolaattota dhaabanii deemuun dhorkaa ta’uun ibsameera.

Dabalataan sirni eebbaa jalqabamee hanga xumuramutti keessummoota waamichi taasifameefiin ala daandileen gara godambichaa geessan miilaan imaltootaaf cufaa ta’uun beeksiseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment