Humni waloomeefi irreen gamtoome injifataadha! – MNO

Finfinnee, Qaammee 5, 2015 (FBC) ¬– Mootummaan Naannoo Oromiyaa Guutinsa Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa marsaa 4ffaa fi xumura milkiin xumuramuu hordofee ergaa baga gammaddanii dabarseera.

Guutuun ergichaa haala armaan gadiin dhiyaateera.

Humni waloomeefi irreen gamtoome injifataadha!
Hidhaan Guddichi Haaromsaa ItIYoophiyaa siidaa injifannoo, agarsiiftuu badhaadhinaafi mallattoo tokkummaa saba, sablammootaafi uummattoota Itoophiyaati!

Ummanni Itoophiyaa marti baga guutiinsa bishaanii Hidha Haaroomsaa Guddicha Itoophiyaa marsaa 4ffaa nagaan geessan. Baga gammaddan!

Biyyi keenya seenaa injifannoo danuufi qabeenya uumamaa uumaan ishee badhaasetti sona dabaltee fayyadamuu dadhabuu isheetiifi ija ogummaan xiinxalanii qabeenya hojiif oolchuun arca’aa waan tureef barootaaf misoomuu osoo barbaadduu hiyyummaan hubamaa turte.

Jijjiiramaa as kutannoo hoggansaa, fedhiifi kaka’umsa ummanni misoomuuf qabuun pirojektiiwwan gurguddoo hedduun hojjetamanii xumuramaa jiru. Hojiin Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa ijaarsisaa tirataa tureefi itti fakkeessaaf eegalamee ture kutannoo hooggansa jijjiiramaan bakka kufee ka’ee hojiin isaa akka ariifatu ta’e.

Firii dadhabbii hooggansaafi ummata keenya kan ta’e hidhaan haaromsaa Itoophiyaa ijaarsi isaa gara goolabamuu irra ga’e guutinsi bishaanii marsaa 4ffaa raawwachuu isaan baga gammaddan.

Hidhaan Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa siidaa seenaa, agarsiiftuu badhaadhinaafi mallattoo tokkummaa ummata keenyaa ta’e kun akka gufatuuf diinonni alaafi baandonni keessaa ifaajii guddaa taasisanis humni waloomeefi irreen gamtoome injifataa waan ta’eef diinotni keenya waaroo salphinaa uffatanii ejjennoofi waadaan lammileefi mootummaan biyya isaaniif galan injifataa ta’eera.

Kaayyoon diinota Itoophiyaafi ergamtoota isaanii imala badhaadhinaa biyyi keenya eegalte gufachiisuun ummata hiyyummaa keessa tursiisuuf ta’us, mootummaan harka tokkoon nageenya biyyaa eegsisaa, harka tokkoon ammoo misoma itti fufsiisuun qormaatilee keessatti injifannoo dachaa galmeessee jira.

Ummanni Naannoo Oromiyaa hiyyeessaafi dureessa osoo hin jenne jalqabbii hidhaa haaromsaa irraa eegalee hanga ammaatti waan qabdan gumaachuun tumsa ajaa’ibaa taasisaa turtanii firii dadahbbii keessanii waan agartaniif baga gammaddan.

Itoophiyaan biyya injifachuu malee injifatamuu hin beekne ta’uu ishee injifannoo Aduwaatiin qabatamaatti mirkaneessiteetti.

Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaas seenaa injifannoo biyyattii keessatti cululuqee kan barraa’u ta’a.

Mootummaan waadaa gale qabatamaan mul’isuufi ummanni keenyas ummata xiiqiin hojjetu ta’uu isaaf agarsiiftuun Piroojerktii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa caale hin jiru. Ammas kan waliin eegalle waliin xumuruun eebba walii galaa irratti gammachuu keenya ibsachuuf yeroon isaa fagoo waan hin taaneef ummanni keenya tumsa eegaltan akka cimsitanii itti fuftan waamicha dabarsina.

Biiroo Komnikeeshiinii Oromiyaa

Qaammee 5/ 2015
Finfinnee

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment