Finfinnee, Hagayya 18, 2013 (FBC) – Humni Waloo qaamoleen gareen shororkeessaa ABUT iddoo adda addaatti facaase to’achuun seeratti dhiyeessuuf dandeessiisu hundaa’uu ibsameera.
Humni Qindoomaan qaamolee garichi iddoolee garaagaraatti facaase karaa gurmaa’een seeratti dhiyeessu hundaa’uu eerameera.
Humni waloo kun Biiroo Qorannoo yakkaa Poolisii Federaalaan kan hogganamu yoo ta’u, damee qorannoo yakkaa naannolee hunda kan of keessatti hamate ta’uu himameera.
Humni Qindoomaan kun qaamolee yakkaa garaagaraa keessatti hirmaatanii fi seera cabsan bifa gurmaa’een to’achuun seeratti dhiyeessuun olaantummaa seeraa kabachiisuuf kan hojjetu ta’uu Itti gaafatamaan Biiroo Qorannoo Yakkaa Poolisii Federaalaa Itti aanaan Komishinaraa Jeneraal Zalaalam Mangiftee dubbataniiru.
Dhaabbileen Poolisii sadarkaa biyyaatti qindoominaan hojjechuun tajaajila yeroon barbaadu ummataaf laachuun shoora olaanaa qabaachuu eeraniiru.
Bilisummaa Ogummaa Poolisii haala eegeen qaamolee haqaa biroo waliin tumsaan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Gamaaggama gaggeeffameen shakkamtoonni kumni 1 fi 642 to’atamuu eeraniiru.
Hoteelonni, Gamoowwan, Kuusaawwan, Invastimantiin Qonnaa, Warshaaleenii fi Riil Isteetiwaan dabalatee dhaabbilee daldala ergama garee shororkeessaa ABUT raawwachaa turan kumni 1 fi 616 irratti tarkaanfiin fudhatamuu dubbataniiru.
Hojii hordoffii waloon taasiifameen Birriin miiliyoonni 58 ol to’annoo jala ooluu Jeneraal Zalaalam ibsaniiru.
Lakkoofsi herreega baankii 93 dhorkamuun qorannoon irratti taasiifamaa jiraachuu eerameera.
Yeroo itti aanu hojii qindoomina qabu raawwachuuf karoorri qorannoo Poolisii biyyaalessaa ba’uun humni Qindoomaa kana waliin irratti mari’atamuu ragaan Komishinii Poolisii Federaalaarraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.