Humni Waloo Nageenyaa kabaja guyyaa Raayyaa Itisaa 116ffaa sababeeffachuun daandiwwan tajaajila Tiraafikaaf cufaa ta’an ifoomse

Finfinnee, Onkololeesa 13, 2016 (FBC) – Guyyaan Raayyaa Ittisaa 116ffaan mata duree ‘Raayyaa Injifataa wayita Qormaata dandamatu’ jedhuun Finfinnee Addabaabayii Masqaalaatti ni kabajama.

Sababa kanaan daandiwwan murtaa’aan tajaajila geejjibaaf cufaa kan ta’an ta’uu humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa beeksiseera.

Onkololeessa 15, 2016 sagantichi hanga xumuramutti daandiwwan armaan gadiitti eeraman tajaajila geejjibaaf cufaa ta’uu ibseera.

Haaluma kanaan:-
• Daandiin Uraa’eelii gara Adaddabaayii Masqalaa fudhatu,

• Boolee karaa Geetuu Koomeershaaliin gara Adaddabaayii Masqalaa,

• Masqal Firaawarii karaa Olompiyaan gara Adaddabaayii Masqalaa,

• Siinimaa Agoonaan gara Adaddabaayii Masqalaa,

• Laga Harree gara Adaddabaayii Masqalaa,

• Hoteela Raasii gara Adaddabaayii Masqalaa,

• Addabaabayii 22 gara Uraa’eeliin daandiin gara gadii hundi,

• Addabaabayii Meeksikoo, Ibsaa Tiraafikaa Gamtaa Afrikaan gara Adaddabaayii Masqalaa,

• Tsabala Liddataa fi Mooraa Raayyaa Ittisaa,

• Ibsaa Tiraafikaa Harraambeen gara Adaddabaayii Masqalaa,

• Masaraa Mootummaa biyyaalessaan Adaddabaayii Masqalaa,

• Kaasaanchisiin karaa Baanbiis hanga Sheelii Kaasaanchisitti,

• Hoteela Juppiitariin gara ECA kan fudhatu halkan har’aa sa’aatii 8:00 irraa eegalee hanga sagantichi xumuramutti cufaa ta’uu ibseera.

#Oromia # Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment