Finfinnee, Bitootessa 28, 2014 (FBC) – Humni Waloo Ministirootaa hojiilee qorannoo fi deebisanii dhaabuu hanga ammaatti hojjetaman gamaaggameera.
Humnichi hojiilee koreewwan isa jalatti hundaa’an hojjechaa jiranii fi sadarkaa hojiileen kunneen irra jiran gamaaggameera.
Walitti bu’iinsa kaaba biyyattiitti uumameen hojiileen yakkoota raawwataman adda baasuun adeemsi yakkamtoota seeratti dhiyeessuu fi lammiilee miidhaman deebisanii dhaabuu sadarkaa maalirra akka jiru bal’inaan ilaalameera.
Hanga ammaatti yakkoota raawwataman ilaalchisee eenyuunii fi akkamitti raawwataman kan jedhu irratti ragaaf namoota haasofsiisuu danda’uu fi ragaa ga’aa walitti qabuun yakkamtootarratti himata banuuf adeemsa eegaluu ibsameera.
Milkaa’inoonnii fi hanqinoonni adeemsichaan mul’atanis ka’aniiru.
Habtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.