Humni Qilleensichaa madda ce’umsa beekkumsaa fi Teeknooloojii ta’uuf ga’umsa dandeessisurratti argama – Leetanaal Yilmaa Mardaasaa

Finfinnee, Bitootessa 21, 2014 (FBC) – Humni Qilleensaa Ityoophiyaa biyyoota michuuwwaniif madda ce’umsa beekkumsaa fi Teeknooloojii ta’uuf ga’umsa dandeessisurratti kan argamu ta’uu Ajajaa olaanaan Humna Qilleensaa Ityoophiyaa Leetanaal Yilmaa Mardaasaan ibsaniiru.
Humna Raayyaa Ittisaa Taanzaaniyaatti jilli Ajajaa olaanaa Duulaa fi leenjii Meejar Jeneraal Jaakoob Johaan Maakuundaan durfamu hojii qajeelcha waliigalaa Humna Qilleensaa Ityoophiyaa daawwataniiru.
Humni Qilleensaa Ityoophiyaa biyyoota Afrikaa biroo waliin hariiroo gaarii akkuma qabu Taanzaaniyaa waliinis tumsaan hojjechuuf qophii ta’uu Leetanaal Jeneraal Yilmaan wayita jila kana waajjira isaanitti simachuun dubbisan himaniiru.
Humni Qilleensichaa saayinsii Teeknooloojii Ayiveeshinii, Suphaa fi Balallii, leenjii barnootaa fi humna namaa ga’oomsuun muul’ata Humna Qilleensaa Afrikaa cimaa ijaaruu saffisaan milkeessaa jiraachuu eeraniiru.
Humni Qilleensaa Ityoophiyaa biyyoota michuuwwaniif madda ce’umsa beekkumsaa fi Teeknooloojii ta’uuf ga’umsa dandeessisurratti kan argamu ta’uu dubbataniiru.
Humna Qilleensaa Taanzaaniyaa kallattii hundaan deeggaruuf murannoon jiraachuu kaasaniiru.
Humna Raayyaa Ittisaa Taanzaaniyaatti Ajajaa olaanaan Duulaa fi leenjii Meejar Jeneraal Jaakoob Johaan Maakuundaan gama isaaniin humni Qilleensaa Ityoophiyaa gurmaa’insaa eegalee Ayiveeshiniin,Ittisaa Raayyaa fi dandeetti Humna namaa fakkeenyummaa olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Meejar Jeneraal Jaakoob Johaan Maakuundaan simannaa jila isaaniif durfamuuf godhamuuefi galateeffateeffachuu ragaan fuula Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment