Humni qilleensichaa hoggantoota waraanaa ga’umsa qaban horachuun hojiilee bu’aa qabeessa hojjechaa jira – L/J Yilmaa Mardaasaa

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2016 (FBC) – Jijjiirama as hoggansa Waraanaa ga’umsa qaban horachuun hojiilee bu’aa qabeessi hojjetamuu Ajejaa Olaanaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ibsaniiru.

Koollejjiin Waraanaa Raayyaa Ittisaa hoggantoota olaanoo Humna Qilleensaarra walitti babba’uun leenjisaa ture 24 eebbisiiseera.

Hoggantoonni olaanoon kunneen dhimmoota biyyaalessaa, naannawaa fi idil Addunyaa akkasumas, haala waliigalaa waraanaarratti leenjii fudhachuu ibsameera.

Sirna eebbaa kanarratti kan argaman Ajejaa Olaanaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan,Jijjiirama as hoggansa Waraanaa ga’umsa qaban horachuun hojiilee bu’aa qabeessi hojjetamuu ibsaniiru.

Milkaa’ina damee hundaan dhaabbatichi galmeessaa jiru keessatti murannoon hoggansaa qooda olaanaa qabaachuu himaniiru.

Humni qilleensichaa koollejjicha waliin tumsaan hojjechuu cimsee kan itti fufu ta’uu eeruu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment