Humni Qilleensaa Ityoophiyaa paayileetota eebbisiise

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2014 (FBC) – Humni Qilleensaa Ityoophiyaa mata duree “qeerransoota 2014” jedhuun paayileetota leenjisaa ture  guyyaa har’aa eebbisiiseera.

Eebbifamtoonni kunneen leenjii balallii xiyyaaraa sadarkaa jalqabaan, balallii heelekooptara geejjibaan, balallii helekooptara waraanaan, balallii heelekooptara VIPnii fi balallii xiyyaara geejjibaan warreen leenji’aa turan ta’uu ibsameera.

Eebbifamtoota kanneeniif dippiloomaa fi sartafikeenni ni laatamaaf jedhameera.

Humni qilleensichaa naannawaa qilleensaa biyyattii eeguuf ga’umsa olaanaarratti kan argamu ta’uu ibsameera.

Taarikuu Laggasaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment