Humni Qilleensaa Ityoophiyaa naannoo Qilleensaa biyyattiif waardiyyaa murteessadha – Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa

Finfinnee, Bitootessa 10, 2014 (FBC) – Humni Qilleensaa Ityoophiyaa yeroo kamiiyyuu caalaa birmadummaa naannoo Qilleensaa biyyattiif waardiyyaa murteessaa ta’uu ajajee olaanaan Humna Qilleensaa Ityoophiyaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ibsan.

Humni Qilleensichaa yeroo ammaa Ayiveeshinii fi Ittisaa qilleensaan teeknooloojii yeroon barbaadu kan fayyadamuu fi ogeeyyii ga’umsa qabaniin kan gurmaa’e ta’uu Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ibsaniiru.

Naannoo Qilleensaa biyyattii to’achuurra darbee ergama itti laatame saffisa olaanaa fi bu’aa qabeessummaan kan milkeessu wabii biyyaa ta’eera jedhan.

Humni Qilleessaa Ityoophiyaa naannawaa magaalaa Bishooftuu iddoo yeroo ammaa hurufa Harar jedhamuun waamamutti bara 1936 hundaa’e.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment