Humni Qilleensaa Ityoophiyaa ga’umsa isaa caalmaan cimsuun nageenyaa naannawaa dabaltee xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Bitootessa 9, 2015 (FBC)- Humni Qilleensaa Ityoophiyaa ga’umsa isaa caalmaan cimsuun yeroo ammaa nageenya naannawaa dabaltee xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu Ajaajaa olaanaan Humna qilleensaa Ityoophiyaa Leetenaala Jeneraalaa Yilmaa Mardaasaan ibsan.

Gareen Ataasheewwan loltummaa biyyoota garaagaraa Barreessa Olaanaan Waldaa Ataasheewwan Loltummaa Biyyootaa Alaa Birgaader Jeneraal Muyusordaa Naatiigiyaa durfamu humna qilleensaa Itiyoophiyaa daawwataniiru.

Leetenela Jeneraala Yilmaa Mardaasaan daawwannicharratti akka jedhanitti, Humni Qilleensaa Ityoophiyaa seenaa hundeeffamaa isaan, teeknooloojii Ayiveeshini fayyadamuun Ardicharraa darbee sadarkaa Idil Addunyaattuu dhaabbata Ayiveeshinii hangaafa jedhamuu danda’auudha jedhan.

Hirmaannaa nagaa kabachiisuutiinis adda dureedha jechuu isaanii ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Teeknooloojii Ayiveeshiniin biyyoota biroo waliin walta’iinsaan hojjechuun kan beekamuu Humni Qilleensaa daawwannaan Ataasheewwan Loltummaa faayidaa olaanaa akka qabu eeraniiru.

Fuuldurattis Ataasheewwan Loltummaa biyyootaa waliin faayyadamummaa waloo bu’uureffachuun hariiroo isaa cimsee itti fufsiisuuf dhaabbatichi qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Birgaader Jeneraal Muyusordaa Naatiigiyaa gama isaaniin, Humni Qilleensaa Ityoophiyaa caaseffamaa gurmaa’ina isaa irraa eegalee ga’umsaa humna namaa fi hidhannoo ayiveeshinii ammayyaan ofii isaa ammayyeessuun imala jijjiiramaa dinqisiisaarraa jiraachuu himaniiru.

Ityoophiyaatti Ataasheen Loltummaa Xaaliyaanii Koloneel Maarkoo Poodii fi Ataasheen Loltummaa Faransaay Koloneel Zhiyaan Maark Ozaan dameewwan loltummaa fi kanneen biroon Ityoophyaa waliin hariiroo cimaa akka qaban ibsaniiru.

Daawwannaan Humna Qilleensaa Ityoophiyaatti taasisaniin muuxannoo fi ce’umsa beekumsaa damee teeknooloojii Ayiveeshinii biyyoota gidduutti taasisuuf kan gargaaru ta’uu dubbataniiiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment