Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa Hojiilee misoomaa dhaabbilee hedduuf fakkeenya ta’uu hojjechaa jira jedhame

Finfinnee, Fulbaana 26, 2017 (FBC)- Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa ergama biyyaalessaa qabuttun cinaatti Hojiilee misomaa dhaabbilee hedduuf fakkeenya ta’uu hojjechaa jiraachuun ibsame.

Ajajaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa fi Walitti Qabaan Daandii Qilleensaaa Itiyoophiyaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan leenjitotaa keessumsiistotaa Balalii daandii qilleensaa waliin mari’ataniiru.

Maricharratti biyyas ta’e dhaabbata tajaajiluuf miira jaalala biyya cimina kaayyoo waliin qabaachuu fi waldeeggaruu aadaa taasifachuun murteessaa ta’uu ibsan.

Keessummeesitoonni balalii tokkummaa keessoo isaanii cimsuun walaba ta’uun tajaajiluu akka qaban akeekaniiru.

Itti Gaafatamtuu Keessumsiistota Balalii Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa fi Barsiistuun Leenjitootaa Masarat Galaayee gama isaaniin akka jedhanitti Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa ergama biyyaalessaa qabuun cinaatti hojiilee misoomaa dhaabbilee hedduuf fakkeenyaa ta’uun hojjechaa jira.

Kanaan hoggantoonni humnichaa galateeffamuu akka qaban kaasaniiru.

Leenjitoonni kunneen Humna Qilleensichaatti hojiilee hojjetamaa jiran daawwachuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment