Humni Qilleensaa FDRI  marsaa jalqabaan miseensota Poolisii  Komaandoo leenjisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Sadaasa 6, 2014 (FBC) – Humni Qilleensaa FDRI  marsaa jalqabaan miseensota Poolisii Komaandoo Qilleensaa leenjisaa ture ebbisiiseera.

Wareegama Raayyaa Ittisaa fi ummataan balaa birmadummaa biyyaarratti aggaamame qolachaa jiraachuu Itti Aanaa Ajejaan humna Qilleensaa  Birgaadee Nagaraa Leenjisaan ibsaniiru.

Humni qilleensaa humna lafarraaf deeggarsa barbaachisu kennuurra darbee hanga aanaatti gadi bu’uun garee shororkeessitootarratti tarkaanfii cimaa fudhachaa jiraachuu ibsameera.

Eebbifamtoonni kunneen dirqama dhaabbatichaaf humna dabalataa ta’uun ergama yeroo itti aanuuf qophaa’uu akka qaban ibsameera.

Qindeessaan leenjichaa Kolooneel Tafarraa Isheetee gama isaaniin, leenjitoonni leenjii dirqama itti laatame ga’umsaan ba’uuf isaan dandeessisu fudhachuu eeruu isaanii ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment