Humni Qilleensaa FDRI Humna Qilleessaa ramaddii giddugaleessaa raawwii hojii olaanaa argamsiisaniif guddina sadarkaa laate

Finfinnee, Fulbaana 25, 2014 (FBC) – Humni Qilleensaa FDRI Humna Qilleessaa ramaddii giddugaleessaa raawwii hojii olaanaa argamsiisaniif guddina sadarkaa laachuu ibsameera.
Weerara gareen shororkeessaa ABUT taasise qolachuun humni qilleensaa gootummaan hojii isaa hojjechaa jiraachuu Humna Qilleensaa FDRItti itti aanaa ajejaan damee loojistikii Birgaader Jeneraal Nagaraa Lalisaa ibsaniiru.
Milkaa’ina duulichaaf ga’een Humni Qilleessaa ramaddii giddugaleessaa ba’ate olaanaa fi kan dinqisiifatamu ta’uu himaniiru.
Ajejaan ramaddichaa koloneel Wanduu Kidaa gama isaaniin, weerara gareen shororkeessaa ABUT taasise qolachuun injifannoo boonsaa galmeessisaa jiraachuu ibsaniiru.
Gareen shororkeessaan kun guutummaa guutuutti hanga barbadaa’uutti duulli kun cimee kan itti fufu ta’uu ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment