Humni Qilleensaa FDRI hoggantoota humna qilleensaa kuma 1 fi 29f guddinaa sadarkaa kabajaa laate

Finfinnee, Qaammee 3,2012 (FBC) – Humni Qilleensaa FDRI hoggantoota humna qilleensaa kuma 1 fi 29f guddinaa sadarkaa kabajaa laate.
 
Guddinni sadarkaa kabajaa laatame kun itti gaafatamummaa dabalataaf ta’uu kan eeruun, ajaja olaanaan humna qilleensaa FDRI Meejar Jeneraal Yilmaa Mardaasaan, hoggantoonni kunneen Proojaktiiwwan eegalaman ga’umsaan xumuruu akka qaban hubachiisaniiru.
 
Guyyaa kana hoggantoonni olaanaan humna qilleensichaa qabeenya isaanii galmeessaniiru.
 
Fuulli marsariitii dhaabbatichaa eebbifamuu fi balalsiiftoonni sirna walbaruu gaggeessuu isaanii EBCn gabaaseera.
 
Qophii kanarratti miseensoonni raayyichaa Proojaktii ‘maaddii biyyaaf’ mindaa ji’a tokkoo arjoomaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
Comments (0)
Add Comment