Humni Qilleensaa dhaabbata biyyoonni Afrikaa hedduun ce’umsa beekumsaaf gaafatan ta’eera-L/J Yilmaa Mardaasaa

Finfinnee, Amajjii 11, 2016 (FBC)-Humni Qilleensaa Dhaabbata biyyoonni Afrikaan hedduun deeggarsa ce’umsa beekumsaaf gaafatan ta’uuf ga’oomuu Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan himan.

Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ergama dhaabatumma fi raawwii hojiirratti hoggantoota Kutaalee Raayyaa Humna Qilleensaa waliin mari’ataniiru.

Maricharratti, L/J. Yimaa Mardaasaan, Humni Qilleensaa Jeettii waraanaa su-39 hanga xiyyaara nam-maleessaatti hidhachuu kaasan.

Dabalataan ulaagaa aviyeeshiniin biroon pirofeeshinaalummaa sadarkaa olaanaatti guddisuu ibsan.

Maqaan gaarii kana kan hubatan biyyoonni Afrikaa hedduun deeggarsa ce’umsa beekumsaaf kan gaafatan dhaabbata filatamaa ta’uuf ga’oomeera jedhan.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment