Humni Nagaa Kabachiisaa DhMG Koongoo gadi lakkisee ba’uu eegale

Finfinnee, Amajjii 5, 2016 (FBC)- Rippaabilikiin Diimokiraatawaa Koongoo Humnii Nagaa Kabajachiisaa Dhaabbataa Mootummootaa Gamtoomanii biyyattii gadi lakkisanii ba’uu eegaluu beeksiste.

Human Nagaa Kabachiisaa dhaabbatichaa biyyattiitti garee waggootaa 30 ol lammiilee ishee dararaa turara jettuun irraa eeguu hindandeenye jechuun komachaa turuun kan yaadatamuudha.

Kana hordofees humni naga kabachiisaa dhaabbatichaa biyyatti akka gadi lakkisee akka ba’u waamicha dhiyeessitee turteetti.

Yeroo ammaas humnichi gadi lakkisee ba’uu eegaluu Ministeerri Dhimma alaa biyyatti beeksiseera.

Faallaa kanaan Dhaabbannii Mootummoota Gamtoomanii bahaa biyyattiitti soda tasgabbiin dhabamuu akka qabu eeruu TRT’n gabaaseera.

Humni Nagaa Kabachiisaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii loltoota kuma 13 fi 500 fi poolisoota kuma 2 naannawaa Bahaa biyyattiitti bobbaasee turuun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment