Humni nagaa kabachiisaa DhMG bulchinsa ishee keessaa akka ba’an Koongoon gaafatte

Finfinnee, Fulbaana 10, 2016 (FBC)- Rippaabilikiin Dimokiraatawaa Koongoo humni nagaa Kabachiisaa Dhaabbataa Mootummoota Gamtoomanii bulchiinsaa ishee keessaa saffisan akka bahan gaafatte.

Yaa’ii waliigalaa 78ffaa dhaabbatichaarratti Pireezidaantiin Biyyattii Feeliiksi Tishesekeediin, Koongoon nageenya keessoo ishee to’achuu fi eeguuf sadarkaa of danda’uurraa geesseetti jedhan.

Koongootti kan argaman humni nagaa kabachiisaa kuma 15 ol, fiinciltoota hidhattoota biyyatti keessa socho’an dhaabuu fi lammiilee nagaa haleellaarraa ittisuu hindandeenye jedhaniiru.

Humni nagaa kabachiisaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waggootaa 25’n dura biyyattiitti bobba’ee turuun ni yaadatama.

Bara Faranjoota 2020’tti Manni Maree Nageenyaa Dhaabata Mootummoota Gamtoomanii humna nagaa kabachiisaa biyyattiitti argaman baasuudhan yaada murtoo dhiyeessuus Ameerikaan itti waliigaluu diduun loltoonni kunneen akka achi turan taasifamuun eerameera.

Kana hordofees turtiin humnoota kanneenii dheereffamuu mormuun lammiileen biyyattii hiriiraa ba’uun walittibu’iinsaa loltootaa fi lammiilee gidduutti uumameen lubbuun namoota 50 ol darbuu The Nation gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment