Humni Naannawaa Afrikaa Bahaa Koongootti akka bobba’u Uhuuruu Keeniyaattaan gaafatan

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2014 (FBC) – Humni Naannawaa Afrikaa Bahaa, Rippaabilikii Dimookiraatawaa Koongootti akka bobba’u Preezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaan gaafatan.

Preezdaantichi kana kan gaafatan humni eeggataa naannawichaa nageenya Rippaabilikii Dimookiraatawaa Koongoo bakka duraatti deebisuuf yaadamee ta’uun eerameera.

Hookkara torbanoota lama lakkofsiseen Rippaabilikii Dimookiraatawaa Koongoo fi Ruwaandaan, muddama dippilomaasii keessa seenuu kan eeran Uhuuruu Keeniyaattaan, garee finciltootaa M23 jedhaman hookkarichaaf ittigaafatamoo taasisaniiru.

Humni naannawichaa rakkoo nageenyaa biyyootaa lameenii fi muddama dippilomaasii isaanii ni tasgabbeessa jechuun ibsan.

Rippaabilikiin Dimookiraatawaa Koongoo, garee hidhattootaaf deeggarsa taasisaa jirti jechuun Ruwaandaa himachuu hordofee biyyoonni lameen walitti bu’iinsa keessa galuun gabaasameera.

Qabeenya albuudaan kan badhaate Rippaabilikii Dimookiraatawaa Koongoo, hidhattoonni naannawaa kutaa Bahaa biyyattii qabachuuf tattaaftaa jiru jedhameera.

Naayiroobiitti walga’ii Ebla keessa dureewwan Ugaandaa, Ruwaandaa, Burundii fi Rippaabilikii Dimookiraatawaa Koongoo gaggeessanirratti Humni Naannawaa Afrikaa Bahaa akka hundaa’u murteessuun isaanii kan yaadatamuudha jechuun CGTN gabaaseera.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment