Humni lafarraa tokkummaa sabdaneessummaa Ityoophiyaa injifatu hin jiru- Jiraattota magaalaa Aggaaroo

Finfinnee, Muddee 1, 2014(FBC)- Humni lafarraa tokkummaa sabdaneessummaa Ityoophiyaa injifatu hin jiru jedhan jiraattonni magaalaa Aggaaroo.

Jiraattonni magaalichaa fi naannawaashee fakkeenyummaa Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad hordofuun gatii biyyaaf kaffalamu kamiinuu kaffaluuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Jiraattonni magaalaa Aggaaroo fi naannawaashee Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad duula boqonnaa jalqabaa xumuruun gara biiroo isaaniitti deebi’uu isaanii ilaalchisee gammachuu itti dhaga’ame hiriira nagaa ba’uun ibsataniiru.

Jiraattonni kunneen hanga diinni badutti akka Muummee Ministiraa Abiy Ahimad gatii biyyaaf kaffalamu kamiinuu kaffaluuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Fakkeenyummaa Muummee Ministeeraa Abiy Ahimad hordofuun hanga garee shororkeessaan ABUT barbadaa’utti addawwan hundaan biyyaaf dhaabbachuun barbaachisaa ta’uu kantiibaan magaalaa Aggaaroo obbo Naziif Mahaammad ibsaniiru.

Magaalichi Raayyaa Ittisa Biyyaaf Birrii miiliyoona 8 arjoomuu fi deeggarsi taasisu cimee kan itti fufu ta’uu kaasaniiru.

Hoggantuun damee gurmaa’insa siyaasaa Paartii Badhaadhinaa godina Jimmaa aadde Najaat Kadiir gamasaaniin, injifannoon garee shororkeessaa ABUTirratti argame misoomarrattis galmaa’uu akka qabu yaadachiisaniiru.

Badii gareen shororkeessaa ABUT naannolee Amaaraa fi Afaaritti namaa fi qabeenyarraan geessise dandamachiisuuf ga’ee keenya ba’achuu qabna jedhaniiru.

Warqaafarraaw Yaalawutu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment