Humni kabachiisa Nageenyaa Ityoophiyaa Juubaalaanditti nageenyi akka mirkanaa’uuf ga’ee olaanaa ba’achaa jira- Ittaanaa Preezdaantii Juubaalaand

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2014 (FBC) – Humni kabachiisa Nageenyaa Ityoophiyaa Juubaalaanditti nageenyi akka mirkanaa’uuf ga’ee olaanaa ba’achaa jiraachuu Soomaaliyaatti Ittaanaan Preezdaantii naannoo Juubaalaand Maahimuud Sayid ibsan.

Haala nageenya naannoo Juubaalaandi cimsuuf hoggantoonni humna nageenyaa naannichaa hoggantoota kabachiistota nageenyaa Gamtaa Afrikaa waliin marii gaggeessaniiru.

Obbolummaa keenya cimsuun nageenya naannawichaa mirkaneessuuf kabachiistota nageenyaa gamtichaa waliin qindoominaan ni hojjenna jedhan obbo Maahimuud haasawaa waltajjicharratti taasisaniin.

Loltoonni nagaa kabachiistota Ityoophiyaa Jubaalaanditti nageenyi akka mirkanaa’uuf ga’ee olaanaa ba’achuu kaasaniiru.

Ajajaa Olaanaan Nageenya Kabachiisaa Koloneel Asaffaa Makonnin gamasaaniin, Soomaaliyaatti nageenyi mirkanaa’uun nageenya Ityoophiyaaf barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Garee Al-Shabaab naannawicha keessaa qulqulleessuufi nageenya naannawichaa waloon eeguu qabna jechuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment