Humni hidhate gareen Juuntaa ABUT ajjeechaa jumlaa Maaykaadiraatti raawwate Maqaleetti irra deebbiin raawwachuuf qophii taasisaa jira – Meejar Jenaraala Mahaammad Tasammaa

Finfinnee, Sadaasa 16, 2013 (FBC) – Humni hidhate gareen Juuntaa ABUT ajjeechaa jumlaa Maaykaadiraatti raawwate Maqaleetti irra deebbiin raawwachuuf qophii taasisaa jiraachuu Daayrektarri olaanaa Indooktirineeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaa Meejar Jenaraala Mahaammad Tasammaa himaniiru.

Ummanni Tigiraay bakkeewwaan raayyaa itisa biyyaan to’atamanitti deeggarsa raayyaa ittisa biyyaaf qaban mul’isa jiraachuu ibsaniiru.

Garichi gochicha raawwachuuf garee addaa qopheessuu fi dhaabbata huuccuu Almaadaan kan qophaa’e uffata dambii (yuunifoormii) Raayyaa ittisa biyyaa Ityoophiyaa fi Eertiraa itti uwwisuun ta’uu eraaniiru.

Meejar Jenaraala Mahaammad Tasammaa kan kan jedhan haala yeroo irratti ibsa laataniinidha.

Humni hidhate gareen Juuntaa ABUT yeroodhaa yerootti odeeffannoo sobaa tamsaasuun ummata burjaajjessaa jiraachuus himaniiru.

Garichi guyyoota darbanitti “ gama Raayyaan kutaa waraanaa 21ffaa barbadeessineerra; humna Adawaa irratti dhufe barbaadeessuun naannicha to’anneera” jechuun dubbachuu kaasaniiru.

Haata’uutii, ofii isaanii bakkichatti argamuun miidiyaaleef ibsa laachuu fi ibsi isaan laataniis qilleensarra ooluu himaniiru.

Oduun sobaa garee juuntaa kan hin mirkanoofne ta’uu ibsaniiru.

Garichi dhokatee ibsa laachuu irraa kan hafe dhugaan “ barbaadeessineera; gadi dhiisifneerra” bakkaeewwan jedhanirratti argamuun ibsa laachuu qabu ture jedhaniiru.

Hoggantoonni garee badii juuntaa duula olaantummaa seeeraa kabachiisuu ummata Tigiraay irratti waraansa waliinii fakkeesuuf carraaqaa jiraachuu yaadachiisaniiru.

Haat’uutii, ummanni Tigiraay duulicha garee badii juuntaa ABUT qofarratti ta’uu gochaan agarsiisuu ibsaniiru.

Ummanni Tigiraay bakkeewwan raayyaa ittisa biyyaan to’atamnaitti deeggarsa taasisuun garichi hangam miidhaa irraan ga’aa akka ture ibsaa jiraachuu himaniiru.

Garichi karoorri isaa jala fashalaa’uu kan hubate, wayita ammaa immoo karoora badii biroo qopheessaa jiraachuu Meejar Jenaraala Mahaammad Tasammaa himaniiru.

Kanaanis, ajjeechaa jumlaa Maaykaadiraatti raawwate Maqaleetti irra deebbiin raawwachuuf qophii taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

Comments (0)
Add Comment