Humni Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa sirnaan raabsamaa jira

Finfinnee, Mudde 18, 2017 (FMC) – Humna Elektirikaa Itiyoophiyaatti Buufanni Raabsaa Hoolootaa Abbaan Kiiloo Vooltii 500 Humna madda Anniisaa Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa sirnaan raabsaa jiraachuu ibsameera.
Buufanni Raabsaa kun Tiraanisfoormaroota abbaa Ampeerii Meegaa Vooltii 750 qabaachuu Hogganaan buufatichaa Obbo Xilahuun Azzazaw eeraniiru.
Buufatichi yeroo ammaa Tarbaayinoota Hidha Haaromsa guddichaa 4 humna maddisiisaa jiran Meeggaa Waattii kuma 1 fi 500 Buufata Raabsaa Dheddeessarraa fudhachuun Buufataalee garaagaraatti dabarsuun Giriidii waliin walquunnamsiisaa jiraachuu himaniiru.
Buufatichi Sararoota Abbaa Kiiloo Vooltii 500 afuriin Dhedheessarraa humna fudhachuun sarara abbaa Kiiloo Vooltii 400n Buufata Raabsaa Sulultaa, Sabbataa fi Galaaniif dhiyeessaa jiraachuu dubbataniiru.
Hidhaan Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa waayita guutummaatti xumurame Humna Meeggaa Waattii kuma 5 fi 150 maddisiisuu dandeettii qabaachuu ragaan Humna Elektirika Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Comments (0)
Add Comment