Humni garee shororkeessaa ABUT warqi Aambaa, Bunnaa Meedaa fi Ziinjaroo Afaafitti barbadaa’uu ibsame

Finfinnee, Hagayya 28, 2013 (FBC) – Adda waraanaa Maayixabiriitti gareen Shororkeessaa ABUT karaa warqi Aambaa, Bunnaa Meedaa fi Ziinjaroo Afaafii jedhamuun loo’ee seenuuf yaale barbadaa’uun himame.

Kutaan waraanaa Kolooneel Kiroos Gabrakidaaniin durfamu hogganaa juuntaa Leetanaal Kolooneel Gabratsaadiq dabalatee barbadaa’uu mirkanaa’eera.

Meeshaaleen waraanaa garaagaraa hedduunis too’atamuu ibsameera.

Injifannoon kun qindoomina Raayyaa Ittisaa, Humna Addaa Amaaraa, Oromiyaa fi Milishaan kan argame ta’uu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment