Finfinnee, Hagayya 6, 2013 (FBC) – Ajeja Lixaatti kutaan waraanaa 21ffaan humna garee ABUT Waldiyaa to’achuuf dhufe aanaa Gubbaa Laaftootti barbadeessaa jiraachuu Raayyaan Ittisaa Biyyaa ibseera.
Harcaatoonni garee Shororkeessaa ABUT adabbii kaleessa Raayyaa Ittisaan irra ga’e dagachuun seera idil addunyaa cabsuun daa’immanii fi maanguddoota waraana keessatti hirmaachisuuf yaaluus miseensoonni kutaa waraanaa 21ffaa iddoo Saanqaa jedhamuu fi aanaa Gubbaa Laaftootti barbadeessuu Raayyichi ibseera.
Garichi waldiyaa to’adhe jechuun olola sobaan ummata burjaajessaa jiraachuu ibsameera.
Hawaasni olola garichaa cinaatti dhiisuun raayyaa Ittisaaf deeggarsa barbaachisu akka taasiisu gaafateera.
Miseensonni kutaa waraanaa 21ffaa ammas qophii ga’umsa qabu irratti kan argamanii fi ergama itti laatame injifannoon xumuruuf ajeja mootummaa eeggachaa jiraachuu ragaan Fuula Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.