Finfinnee, Fulbaana 23, 2014 (FBC)- Humni Galaanaa Ityoophiyaa erga hundeeffame yeroo gababaa ta’uus dhaabbatichi gama ogeessaa humna galaanaa leenji’e horachuun gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhame.
Ajajaa Itti aanaan Giddugala Leenjii Bu’uura Humna Galaanaa, Komandar Kabbadda Mikaa’el, miseensota Humna Galaana Injinaringii Bishooftutti argamaniif leenjii dirqama bishaan daakki bahachuuf isaan dandeesiisu wayita jalqabsiisan, Raayyaa Humna Galaanaa ammayyaa nageenya biyyaa eegsiisuu danda’u, rakkoolee biyya keessaafi alaa muudatan eeguu danda’u gurmeessuufi leenjisuun barbaachisadha jedhan.
Miseensonni leenjitoota tokko tokkoos miseensa Humna Galaanaa ergama isaa ciminaan bahatu ta’uu keenya beekne dirqama bishaanirraa nutti kennamu haamilen kan leenji’an ta’uu himuu ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.